maaddii abol logo

DStv’n “Maaddii Abol” kan jedhu Sagantaa Bashannana Chaanaalii Afaan Oromoo ifa taasise

Oduu31 Caam 2023
Addunyaarratti Sagantaa Bashannanaa fi qabiyyee Ispoortii kan qaban kan dhiheessu dhaabbanni guddichi DStv “MultiChoice Africa” hordoftoota isaa Itiyoophiyaa jiraniif afaanota adda addaan dhiheessuurratti argama.
Maaddii Abol Logo

Qophii Bashannanaa fi Fiilmii “Abool fi Abool dukkaa”, Qabiyyee Ispoortii “Supersport liyyuu”, Qophii ijoollee “Nik junior”, sagantaa ijoollee fi Muuziqaa adda addaa chaanaalii “Tires Muuziqaa’ dhaan qulqullinaan kan dhiheessaa jiru yommuu ta’u,Chaanaalii isaa “Zii- alem’ immoo Fiilmii Afaan Amaaraa fi Afaan Oromoon hiikamee dhihaatu Daawwattootaaf dhiheessuurratti argama.

Amma immoo Afaan Bal’inaan Biyya keenya keessatti dubbatamu Afaan Oromoo dhaan sagantaa Qabiyyee Bashannanaa qabu “Maaddii Abol” Kan jedhu Chaanaalii haaraa ifa taasiseera. Maassiin Abool karooraaf qophii guddaan qajeelfamaa turee Daaawwattoota isaa biyya Itiyoophiyaa Afaan oromoo dubbatan fedhii isaanii guutuuf Sagantaa bashannanaa mataa isaa danda’e Wiixata Caamsaa 28,2015 irraa eegalee ifaan ni jalqabsiisa.

Maaddiin Abool akka maqaa isaa qophiilee  qulqullina qaban bal’inaan kan irratti dhihaatu maaddii bashannanaati. Chaanaalii haaraa bashannanaa kana “Chaanaalii Abool”irratti Diraamaa Televizhinii  Itti fufinsa qabu kan  hiikkaa cimaan hiikamanii Itiyoophiyaatti  qophaa’an yommuu ta’u yeroo dhihootti namoota afaan sana dubbataniifi duudhaa fi aadaa isaanii eeguun kan qophaa’an Qophii “Oriijinaala” ta’e bal’inaan kan dhiheessudha.Kun akka ta’uufis qophiin piroodakshinii  qabiyyee isaa hojjetamaa jira.

Abbummaa “M-Net” dhaan kan gaggeeffamuu fi Paakeejjiii DSTV dhaan Kan dhihaatu “Maaddiin Abool” Lakkoofsa chaanaalii 498 dhaan kan tamsaasamu yommuu ta’u, jaalatamaafi diraamaa itti fufinsaa laphee nama rarraasan Ilillii (Adeey), Qaqqabaa (Deraash), Joora (zuret), Sunsuma lama (hulet gulicha), Kan dhiibaman (yetegefut), Imimmaan Baasiliqoos (yeBasiliqos inba), Gaaddisa (tilaa), Jama’i raja,fi qabiyyeewwan kanneen fakkaatan of keessatti qabatee ifatti tamsaasa isaa ni eegala.

Ifa bahuu Chaanaalii kanaa ilaalchisee Daarekterri manaajimentii “MultiChoice Ethiopia” Galiilaa G/Mikaa’eel 'Maaddii Abol' jalqabuu keenyatti Gammachuun natti dhagahama. Kunis dheebuu daawwattoota keenya ittiin dheebuu baasnuuf ragaadha. Daawwattootni keenya Afaan Oromoodhaan Qophii bashannansiisaa fi ergaa qabu akka dhandhamataniif seenaa biyya keessaa fi biyya alaa akkasumas aadaawwan ilaalchisuun irra caalaatti akka hubatan isaan taasisa jennee ni amanna jedhaniiru.Diyaareterri Manaajimentii kun itti dabaluunis yeroo har’aa “MultiChoice Africa” Itiyoophiyaatti guddina qabiyyee biyya keessaa guddisuuf gahee guddaa kennaa jira. Daawwattootni DStv Waa’ee Aadaa, Duudhaa fi Afaan Itiyoophiyaa Ilaalcha gaarii akka qabaataniif hojjechaa jirra. Kunis guddinaa fi qaqqabinsa Fiilmii fi Bashannana biyya keessaa keessatti gahee guddaa akka qabaatu ni taasisa. Maaddiin Abool kana yaada keessa galchuudhaani hojii kan jalqabe  jechuun dhiheessaniiru.

“Maaddiin Abol” Afaan Oromoodhaan Qophii Bashannanaa dhiheessuu jalqabuun isaa maamiltootni DSTV afaan barbaadaniin Qophii bashannanaa barbaadan akka argatan gochuu irra caalaa Aadaa, Afaan Seenaa Afrikaa Afirikaanotaaf yaada jedhuun kan socho’u “MultiChoice Afirikaan” Biyyoota keessatti hojjetu keessatti Qabiyyee Afaanota dubbatamaniin dhiheessuuf Akkasumas Aadaa,Turizimiifi Afaan biyya sanaa beeksisuuf sochii guddaa taasisu gochaadhaan kan mirkaneessu ta’uu isaa Asharaa mul’atudha. Kana ta’uunis Maaddiin Abool  dheebuu maamiltootaa dabalataanis guddina afaanii keessatti hirmaannaa guddaa akka qabu ni amanama.